Weebsayit Keessaniif Adsense Approval Argachuuf Tarkaanfiiwwan 10 Isin Ceesisuu Dandahan
![]() |
How to start a blog |
Blog gochuun maallaqa argachuu barbaadduu? Yaada Guddaa! Kanaafuu, karaalee biloogii irraa maallaqa itti argatan hedduu qabna. Akka malaatti beeksisa agarsiisuudhaan galii argachuun karaa baay’ee beekamaa fi salphaa ta’een maallaqa argachuuf biloogii websiayii banachuun barbaachisaadha.
Kanaafimmo, Google AdSense dhaan maallaqa dalaguun karaa hunda caaludha.
Akkamitti keessa Eegaluu dandeenya?
Barreeffama kana keessatti akkamitti akka salphaatti akkaawuntii Google AdSense qabaachuun biloogii haaraa uumuun maallaqa argachuu dandeessan isinitti agarsiisa.
Duraan dursitanii browsera(google chrome app) banudhaan blogger.com jettani seenudhaan website keessan ni banattu.
Akkaata websayit ittiin banan ilaalun vidiyoo armaan gadii ilaala.
Itti Aansudhaan yoo domain bitachuu hin barbaanne tahe domain isa free tahe kanuma google isinii kennu fayyadamtanii websayiti keessan hojjechuu ni dandeessu, garuu yeroo baaye websitiin tokko filatamaaf fudhatamaa kan tahu yoo custom domain qabaatedha. Custom domain gatii salphaaf kafaltii waggaatiin qarshii 600 irraa eegale Itiyoopiyaa keessati ni gurgurama waan taheef haala salphaan bitachuu ni dandeessu.
Haala salphaa taheen yegara websaayit irra galuun domain keessan bitachuu ni dandeessu.
Domain keessan bittani erga websayiti keessan wajjiin walqunnamsiiftan booda waan uummani irraa barachuu dandaha jettanii yaaddan barreesu eegaluu qabdu.
Akkamiti post adda addaa barreesu dandeenya kan jedhuuf vidiyoo armaan gadii ilaala.
Amma biloog mataa keessani banattaniirtu kana booda bilog keessa Adsensiif aplay gochuun dura wantoota armaan gadii kanniin gochuu gabdan.
1ffaa. Page Barbaachisoo tahan blog keessan irrati gochuu
Kana jechuun akka namoonni isin barbaadan isin argataniif page social media addaa addaa websayit keessan irrat galchuun dirqama. Kunis akkamitti akka tahuu dandahu video gubbaa jiru irraa ilaaluu dandeessu.
2ffaa. Footera Blog keessani irrat seerri coyright keessan akka eegamu page irratti galchuu
Yemmuu weebsayit mataa keenya qabaannu wantootni weebsayit keenya irratti nut barressinu hunda namoonni biroo akka itti hin fayyada gochuun dirqama. kana gochuuf immo tampleetonni baayeen mataa isaaniiti waan kana ni qabu. Haa tahuu malee garuu kan mataa keenyaa osoo irratti guutamee bareeda.
3faa. Yoo xinnaate post 15f isaa ol barreessuu
Weebsaayit keessan adsensiif apply gochuun dura post 15f sanaa ol kan tahe akkasumas kan armaan dura weebsayiti biroo irratti hin barreefamne tahuu qaba. yeroo tokkoon abdii murachuu hin barbaachisu google yeroo lamaaf sadi caala isin duraa fail taasisuu danda'a, garuu irraa deddeebi'uun waan fooyyahuu qabu fooyyesuun yeroon baaye apply gochuu waan dandeessaniif itti dhipachuu hin qabda. Hardhaaf kan isiniifi dhiheesse kanuma yeroo itti aanutti kutaa isa 2ffaa isiif dhiheessa gaafi yoo qabaattan box armaan gadii keessatti naaf ergaa. waan dubbiftaniif galatoomaa.
0 Comments